karaale online irraa maallaqa ittin argachuu dandeenyu hedduudha. Isaan keessa kanneen kaffalti guddaa haala salphaan irraa argachuu dandeenyu keessaa shan isiniif hima.
maallaqni nuti internet irraa irraa argannu kuni baasi tokko malee osoo kiisi keenyaa hin baasin salphatti kan qarshii argachuu dandeenyudha. Kana jechuun qarshii bilisaa argachuu jechuudha.
qarshii bilisaa gaafa jennu internet irraa salphaadhumatti bakki nuti hojjannee maalaqqa argachuu dandeenyu marsaritii heddutu jiru. Isaan kana. Irraa hojjaachuudhaf baasi nun barbaachisu jechuudha. Kanaaf marsariti garagaraa nuti maallaqa irraa hojjachuu dandeenyuu fi akkata itti hojjannu muraasa akka asii gadii kanatti kan wal hubachiifnu ta’a.
1. Webtalk.
webtalk’ n akkuma Facebook miidiya hawaasa nuti fayyadamuu dandeenyuu fakkeenyumma hedduu kan qabuudha. Facebook irratti Waggoota dheera kan fayyadamaa baane waan nuuf kaffalu hin qabu. Inumayyuu kiisi keenyaa itti baafne fayyadamna . Akkatan website kun itti dalagu ammoo akkuma Facebook irratti waan adda addaa post goonu, comment kenninu fi like goonu fi k.k.f. guyyaa guyyaan seenuu akkasuma yeroo nuti link keenya nama biraatif laannu namnis irratti galma’u point kan nuuf kennaa Adeemuu fi maallaqa guddaa sadarkaa keenya irratti hunda’ee nuuf kaffaluudha.
2. Marsaritii cryptocurrency Adda Addaa
Akkuma beekkamu website cryptocurrency irraa Argannuu gosoota heddutu jiru. Cryptocurrency akaakuu adda addaattu jiru. Kuni ammoo maallaqa osoo itti hin baasne kan akkasumatti online irraa argannuudha. Free site jennee kan waamnu kan maallaqa osoo hin baasin irraa argannuu maarsariti kumaataman lakka’aman heddutu jiru kanneen akka bitcoin, litecoin, Ethereum, Gogecoin fi k.k.f heddutu jiru. Kanaaf Earning money for free kan jedhaman website kumaataman laka’aman kanneen dhugaa ta’an irraa argachuu dandeenya.
3. Fiverr.
Website fiverr jedhamuu waltajjii ykn platform guddicha yeroo Amma kana waan nu barbaachisu hunda irratti dhiheessine Argannuudha. Fakkeenyaf kanneen akka logo design, graphics design, animation, intro and outro fi hojiilee kumaataman lakka’aman hedduu kan irratti argannuudha. Fiverr irraa muuxannoo kan hin gaafanne garuu Akkataan isaa haala salphaa ta’en you tube irraa barannee bira gahuu kan dandeenyuudha. Kana jechuun profile keenya waan hojjachuu dandeenyu achiirratti gaafa barreessinee keenyu namotni waan fedhan nurraa Argachuudhaan bitachuu ni danda’u. Haala kanaan bifa salphaa ta’en maallaqa guddaa hojjachuu dandeenya.
4. Website mataa keenyaa.
Websiten kaffalti hedduu kan irraa argannudha. Website mataa keenyaa bifa adda addaatin galii keenya ji’aallee ol guddisuu kan dandeenyu fi maallaqa guddaa argachuu kan nama dandeesisuudha. Marsariti mataa keenyaa gaafa jennu kan nama biraa irraa adda kan ta’e waan hundaan qulqulluu ta’ee kan argamu website ufii keenyaan hojjannus ta’e qarshiidhan hojjachifnee galii guddaa akka irraa argannuuf kan gargaaruudha. Kana jechuun ammoo fakkeenyaaf website keenya tokko irraa maallaqa hanga Kuma kudhanii (10,000) arganna yoo ta’e website hedduu hojjannee manage gachuu dandeenya. Bifa kanaan immoo website kudhan yoo ni hojjanna taate hanga qarshii Kuma dhibbaa (100,000)n lakka’amu ji’aan argachuu kan dandeenyudha.
5. You tube.
You tube’n dhaabbata guddaa maamiltoota hedduu Addunya kana iraa qabu fi maallaqa gurguddaa kaffala jiruudha. You tube irraa maallaqa guddaa argachuu dandeenya. Kunis hojiin nurraa Eeggamu yeroidha yerootti video hojjachudhaan kan argamuudha. Video nuti maxxansinu kuni barnoota adda addaa, diraama, komeedi, sirboota fi muuziqaale adda addaa bifa video tin qindeessuudhan you tube irraa maallaqa argachuu kan dandeenyudha. You tube irraa maallaqa argachuuf wantoonni nu barbaachisan meeshalee video waraabbi fi nuuf qindeesssan akkasumas seera dhaabbanni you tube akka goonu nurraa eegutu jira isaan kanneen hundaa erga guutne booda akkaata maamiltoota isaatif kaffalu qaba.
ega kabajamtoota fi jaalatamtoota hordooftoota keenya odeeffannoo you tube akkamitti banna jedhuu fi akkamitti hojjaanna yeroo itti aanu qabadhee isinif dhufa abdiin na eegaa.

0 Comments