daldaltonnii cimdii ykn Network marketing kan jedhaman nama dhuunfaa irraa kaasee hanga dhaabbatatti buu’aalee gurguddaa hedduu argamsiisaa jira. Addunyaa Amma keessa jirru kana keessatti dhaabbanni daldalaa xixiqqa fi gurguddaan gara ayyama daldalaa cimdii kan hin turre dhaabbileen adda addaa hedduun yeroo ammaa gara daldala cimdii (Network marketing) seenuu irratti argamu.
Network marketing kan jennu kun yeroo ammaa kumaataman lakka’ama. Kunis bifa adda addaatin kan hawaasa biraan geenyuudha. Network marketing keessatti bu’aan nuti argannu qarshii qofa miti. Beekkumsa adda addaa odeeffannoo hedduu haalli Addunyaan keenya keessa jirtu illee beekuu, barnoota ,rakkinna fi ballinnalle dabalatee hojii daldala cimdii (Network marketing) keessatti barannuudha.
Bu’aan qarshii karaa daldala cimdiitiin argamu garuu guyyaadha guyyatti sochii keenya irratti hunda’ee kan dabalaa deemuudha. Hojiileen kun bifa online fi qaamanillee hojjachuu kan dandeenyudha. Daldalli kun kan ittiin beekkamu eenyummaa keenya kan adda baafamu fi ibsamu agarsiistuu ( link) fi ID nuuf kennamu irratti hunda’ee dhaabbanni kana hojjatu tokko ittiin nuuf kaffaluudha.
daldalli kun akka nuti hojjannu kan godhuudha. Kana jechuun link ykn ID nuuf kennamu sanaan maamila fiduuf hojjachuu kan dandeenyu ofii keenyaaf galii arganna. Dhabbatichis Kara keenya galii argataa deema nuti ofii keenyaaf jennee namni biraanis akka gargaaramuuf nama biraa hojjachisnu tahee garuu yoo nuti kan hin hojjanne tahe carraan hiriyaan keenya daldala kanatti hirmaachuu dhabuu fi nutis bu’aa kan hin arganne nurratti kan dhaabbanne karaa keenyaan dhaabbanni sunis galii kan dhabu taha jechuudha.
kanaaf daldala cimdii keessatti yeroo hedduu dhiyeessii dhaabbanni nutti kennee akka hojjannu irraa fuune tola osoo hin taane kaffaltidhaan kan eegalu yommuu ta’u yoo nuti akka galii argannuuf dabarsinee hojii beeksisaa fi hawaasaan geenyu ta’ee sadarka dhaabbanni sunillee nu badhaasu qarshii kallattin argannu qofa osoo hin taane hanga badhaasaa fi biyyoota gurguddatan deemutti carraa nuuf kennuudhaa. Kun kan ta’u garuu yoo nuti nama jabaa taane hojjannedha. Osoo hin hojjanne garuu inni hojjatu nu bira darbee fagaachuu Mala. Kanaaf hojiin daldala cimdii akka nuti hojjannu nu taasisa
Daldala Cimdii (Network marketing)n Eessatti Arganna?
Daldaltonnii cimdii biyya keenya keessattillee hojii Uumtotaan kan eegalee jiruudha. Kaffaltiidhan waliin walii keenya affeerree akka namni gara dhaabbata kanaa dhufu gochuu qofaani. Kanneen akkasi biyya keenya keessatti kan eegalan Kanneen akka Break Through fi k.k.f babal’ataa jiruudha. Daldalli cimdii Addunyaa keenya keessa lakkoofsa hin hin qabu. Ji’atti kan nuu duroomsan yoo kan honnannu ta’e heddutu jiru. Karaa hedduun carraa daldala kanaatti hirmaachuu nuti qabnu affeerraa namoota naannoo keenyaa fi online ta’een garuu dhaabbata seera qabeessummaan isaa hundaa’e kan qabaniidha.
yeroo hedduu daldaltoonni akkanaa dadhabbii hin qaban kan hojjannu link ykn agarsiistu ofii keenyaa fudhannee namni gara dhaabbatichaa karaa keenyan akka dhufu qofa gochuudha. Sa’aati dheera miidiyaa hawaasa irrati dabarsinee guyyaatti karaa keenyaan dhaabbata akkasitti nama affeerudhaan guyyaa tokko keessatti nama tokko qofa yoo afeerre yeroo gabaabaa keessatti kan durometer dandeenyuudha.
kaffaltin nurraa eeggamu yeroo baay’ee koodi bitachuu qofaan koodi ofii bitne ammoo nama biraatti gurguruudhaan namichis koodi bitatu sana gurgurtaa deemuudhaani fi k.k.f kan hojjannuudha. Namni tokko bifa kanaan dhaabbatuma gargaarsaa tokko hundeessee namni sunis namootni hedduunis kan of jijjiiran t’uu danda’udha.

0 Comments