rakkoowwan gurguddoo you tube’n qabu sadan haa ilaalluu. Seera you tube yoo cabsine galii argachuu hin dandeenyu. Rakkokwwaan kun heddutu jiru. Isaan keessaa gurguddoo kan ta’an haa ilaalluu.


1. Kooppi Raayitii. ( copy Right)


inni kuni video namoota biroo akkasuma sirboota, muuziqaa fi k.k.f fuune video keenya keessa yoo galchine copy right narratti ta’a jechuudha. Kanas yeroo muraasa; jechuunis ji’a sadi keessatti of iraa kaasuu kan dandeenyudha.


2. Terms and Polices. Kan jedhamu.


kana jechuuni you tube’n kan irratti namoota seerota cabsan ittiin adabu jechuudha. Namni gaafa seera you tube’n kaa’e cabsu seera kanaan adabama jechuudha.


3. Ads Suitability.


kun hagas Mara rakkoo kan hin qabne yoo ta’u garuu akka rakkoo video sanaatti ilaalamus yeroo hedduu kan video keessan beeksisni irratti hin baaneedha. Isaan kun warra channel isaani monetize ta’ee video isaani irratti beeksisni irratti ba’aa jiruudha.


You tube keenya monetize kan nuuf ta’u Akkamitti.

you tube keenya seerota monetize kan ta’u isa jelqabaaf seera gurguddaa lama yoo guuteedha. Inni kunis.


1. Watch Hour 4000hr yoo Guunnedha.


kana jechuun video nuti channel keenya irratti gadi dhiisaa oollu ilaalamee walitti qabamuudhaan sa’aati hanga kana yoo guunne seera isaa keessa isa tokkoodha. Kana guutuun yeroo kan fudhatu ta’us maloota adda addaa fayyadamuudhan sa’aati kana salphattii guutu dandeenya.


2. Subscribe 1000.


Channel keenya subscribe 1000 guuteera yoo ta’e ykn namni Channel keenya subscribe nuuf godhe nama 1000 ol ta’e sana guutuu dandeenya. Walumaagalatti egaa seera lamaanu (watch hour 400 fi subscribe 1000) yoo guunne booda Channel keenya monetize nuuf ta’a jechuudha


Hojjetaa You tube Ta’uuf maaltu nu Barbaachisa?


1. Kaameera qabaachuu qabna. Yoo dhabnee dhabne mobayila gaari video qulqulleessee waraabulle qabaachu qabna. Kana jechuun video nuti hojjachuu qabnu qulqullinni isaallee kan ilaalamu ta’uu qaba. Kanaaf kaameeraa qabaachuun keenya haalan muryeessaadha.


2. Kompiyuutera. Koompiyuuterri video keenya qimdeessuudhan kan nu barbaachisuudha. Isas yoo hin qabaanne ammoo mobaayila keenyan dhimma bahuu ni dandeenya. Kana jechuun mosaaji video keenya qindeessuu danda’u qabaachu qabna. Fakkeenyaf kanneen akka kinemaster mobaayila keenyaan video salphatti qindeessinee you tube keenyaaf qopheessuu dandeenya. Garuu Kunis hamma karoora keenya fi nu deemsisuu qabu tokko nuuf ta’uu dhiisuu Mala kanaaf kan irra filatamu kompiyutera qabaachuutu murteessaadha.


3. Appi video qindeessuuf nu gargaaran isaan akka lakkoofsa 2ffaa keessatti kaasne mobaayila keenyaafis ta’e kompiyutera keenyaaf kan nu barbaachisan Appi heddutu jiru. Isaan kun ammoo fakkeenyaaf kan akka wondershare, fillmore kan jedhamu kompiyutera keenya irratti video qindessuu dandeenyu qabaachuu qabna.


4. Hubannoo ykn beekkumsa video qindeessuu, video qindeessuuf hubannoo ykn beekkumsa qabaachu qabna. Nama video keenya nuuf qindeessu qacaruu keenya irrs ofii keenyas barachuu, leenji isaa qabaachuudhaan hojii you tube keenyaaf saffisaan milka’uu danda’utu nurra jiraata.


5. Waraabduu sagalee. Sagalee nuti dubbannu kan kallattidhaan waraabu kanneen akka spiikari xixiqqaa ta’an yoo qabaanne gaaridha. Kunis gatii guddaa osoo hin taane gatii xixiqqaadhan gabaa irraa bitachuudhaan video yeroo hojjannu haala salphaa ta’en sagalee keenya wajjiin qindeessinee you tube keenya irratti fe’uu dandeenya.


6. Bakki murteessadha. Kana gaafa jennu osoo qabaanne studio man keenya keessatti ykn raasa irratti kireessuudhan yoo hojjanne haala bareedadhaan kan milka’uu dandeenyudha.


Egaa walumaagalatti hojii you tube hojjachuudhaaf osoo itti hin seenne wantoota kaasaa turree kana qabaachuu fi itti yaaduu qabna. Kana yoo hojjanne akkasuma torbanitti yeroo sadi ol video hojjannee yoo gadi dhiisaa deemne yeroo gabaaba keessatti seerota sana guutuudhan monetize ta’uu dandeenya.


egaa kabajamtoota fi jaalatamtoota hordoftoota keenyaa odeeffannoo kanaa fakkaatani fi kanneen biroos argachuuf marsariiti keenya hordofaa. Waan dubbiftanif galatoomaa!