hojilee hedduu karaa online dalagne qarshii argachuu dandeenya. Qarshii kana ammoo akkamin biyya keenya keessa teenye fudhachuu dandeenya gaafi jedhu yeroo hedduu kan ka’uudha. Akkasumalle yaaddo namoota baay’eeti. Akkata hojiile nuti hojjannu irratti hundaa’e karaa kaffaltii gosa hedduu akka biyya keenyatti amansiisaa fi beekkamti kan qabu muraasatu jira.
Paypal.
dhaabbata umrii xiqqaa qabu tahee garuu hojii kam irrattuu biyyoota hedduu keessatti maamiltoota karaa kanaan qarshii fudhachuu danda’aniif kaffalaa jira. Faayidaan karaa paypal nuti fudhachuu dandeenyu kallattidhaan bankitti erguun qarshii paypal irraa fudhachuu dandeenya. Kana jechuun garuu akka hubattaniif paypal tu qarshii nuuf Kenna miti. Hojii toora interneetii irraa hojjanne qarshii achirraa argannu karaa kanaan fudhanna jechuudha.
Mee hojii hojii toora interneetii irraa hojjannu tokko fakkeenya haa fudhannuu. Afaan hiikne Kara Fiverr irraan qarshii argachuu dandeenya. Qarshii nuti Fiverr irraa argannu sana ammoo Kara account keenya paypal tti ergina. Isa booda paypal irraan gara baankitti naanneessine fudhachuu dandeenya. Haalli paypal account ittin banamu Itoophiyaa keessatti xiqqoo rakkisaadha. Verify namaaf hin tahu jedhama garuu haalli itti paypal verified banamu waan jiruuf ogeessota fi namoota waa’e isa banuu gadi fageenyan beekan bira deemun banachun ni danda’ama. Kanaaf haala kanaan hojii hojjannu karaa paypal qarshii fudhachuu ni dandeenya.
Payoneer.
biyya keenya Ethiopia 🇪🇹 keessatti haalan filatamaa fi saffisaan payoneer dha. Faayidalee hedduus ni qaba. Garuu carraan hojii Kara payoneer nuuf kaffalama hojjannutu muraasa.
faayidaa isaa yoo ilaalle payoneer keenya irraa doolara 30 yoo qabaanne master card America irraa fichisiisu dandeenya maqaa keenyan hojjachuudha. Kuni yoo seerri dhaabbaticha hin jijjiiramini. Inni biraan payoneer kallattidhan banki walin linked ta’e hojjata. Baankin kamiinu kan biyya keessaa waliin walitti hidhata qaba. Galmeen isaas akka paypal nama waan hin rakkisneef filatamaa tahe garuu rakkoon isaa hojiileen karaa isaan hojjataman muraasa.
Kiriiptoo kaaransii (Cryptocurrency).
waggoota kudhanii asitti hojiileen sarara internet irraa hojjannu kaffaltin isaani kan paypal fi kan biraa gosoota crypto dabalata dhufanii jiru. Namootni hedduunis isaan olii irraa filatan crypto dha. Sababni isaa saffisaadha. Gosoota crypto keessa ammoo Bitcoin, Ethereum, fi kan biroo muraasni dabalatan dhufanii jiru.
odeeffannoo jiru irraa kaane yoo ilaalle malootni kaffalti biroo fuula duratti gadi bu’aa fi kasaara keessa seena deemaa dhufu. Sababni isaa hawaasni Addunyaa yeroo ammaa kan inni filataa jiru crypto waan taheef keessuma biyyootni guddatan hojii kaampanii gurguddaa kamiyyuu kana booda maamiltoota isaatif Kara kaffalti crypto filataa jira. Kun ija shakkiitin yoo ilaalamu payment method biroon carraan isaan qaban gadi bu’aadha.
Western Union.
Baay’ee muraasa kan ta’e hojiile nuti toora interneetii irraa hojjannu kaffaltin Western Union kan nu kaffalamudha. Western Union kan bubbuleedha. Baanki kam waliinu kan hojjatuudhas Namootni maloota kaffalti kan akka paypal, payoneer, crypto hin barbaanne kanatti dhimma bahu. Garuu hojiilee hedduu online irraa hojjataman karaa kaffalti kana maxxanfatan hin jiru. Kan jiran Baay’ee muraasa.
Wal dorgomsiisaa Kara kaffalti paypal, payoneer, crypto fi western union dimishaashatti yoo ilaalle crypto irraa kan hafe faayidaan isaani kaani wal fakkaata. Kana irratti biyya keenya Itoophiyaa fakkeenya haa fudhannuu. Hojii tokko hojjenne Kara paypal nuti fudhannu wal jijjiirraa oolmaa baanki guyyaa saniitin kaffala. Kana jechuun doolara 1 qarshii 56 yoo tahe baanki irraa bifuma kanaan nuuf kaffala isaan hafanillee kan payoneer fi Western Union kanumaan wal fakkaata.
Garuu Bitcoin dhaan yoo fudhanne nutimmoo haala bittaa fi gurgurtaa Bitcoin biyya keenyaatin madaallee gurgurachuu dandeenya. Kana jechuun gatiin Bitcoin tokkoo har’a dolara 43,000 yoo ta’e nutis nama Bitcoin bitu barbaannee kana oliinu carraa gurgurachuu ni qabna. Kanaaf namni biyya kamiitu kaffalti karaa crypto kan akka Bitcoin, Ethereum, barbaada jechuudha. Wal caalmaan isaani kana fakkaata.
garuu namni kamuu hojii isaatti saffisa qabaate erga hojjatee karaale kamiinuu qarshii hojjete fudhachuuf beekuu fi hubachuu akkasuma irratti hojjachuu danda’utu irra jiraata. Biyya keenya keessatti kun hin hojjatu jennee dhiisu hin qabnu jechuudha. Kana qofa miti karaalee hedduudhan hojjannee kaffalti argachuu kan dandeenyu garuu haala nama hin rakkisneen biyya keenya keessatti filatamaadha kan jedhamu isaan kanaadha.

0 Comments