Channel tiktok keessan irraa maalaqqa argachuu barbaadduu? Deebin keessan eeyyen taanan akkamitti akka tiktok irraa maallaqa argachuu dandeessan anatu isiniif hima.


waltajjii video bifa gabaabbinna qabuun tiktok irratti karaa maallaqa ittin argatan muddee 2021 eegale. Kanaan dura tiktok yeroo video LIVE kennaa gifti coin gaafachuu danda’u turan. Garuu poortalli haaraan tiktok creator Next Mala maallaqa argachuuf dabalata ta’e dhibeesse jira.



fayyadamtoonni U.S Appi kana irratti gara dolara miliyeena 110 baasun isaani gabaafame jira. Yeroon isaa yeroo jelqabati. Tooftaa gabaa fi gurgurtaa tiktok irratti invest gochuufi. Tooftaalee kanan daldalaa xixiqqaa, dhiibba midiyaa hawaasa fi ummattota dhuunfaaf akka tiktok irratti maallaqa itti argatan barsiisa.


Fayyadamtoonni daldalaa beeksisa video gabaabaa tiktok irratti Uumun gurgurtaa Oomishaa fi Tiraafikaa maarsariti guddisu ni danda’u. Maallaqawwan gurguddoo tiktok irratti akkamitti milka’inna akka argatan qorachuudhan kakka’umsa Argadhaa. Haa ta’u malee waltajjiiwwan biroo kanneen akka Google fi Facebook caala tiktok irratti beeksisa baasuun qaala’a ta’u danda’a.


beeksifni kun ilaalcha/ view 1,000 tokko $10 irraa kan jelqabu yoo ta’u yoo xiqqaate $500 barbaada. Baasi olaanaa irraa kan ka’e daldaltonnii xixiqqaan beeksisaaf karaale biroo fayyadamuu fi meeshalee daldala tiktok irratti gurguruu irratti xiyyeeffachuu filachuu danda’a.


sagantaa Tiktok Creator Next jedhutti Makamaa

tiktok creator tti aansudhan poortala maallaqa galchu tiktok tti. Bakki itti adeemtan kuni tiktok creator found, tiktok marketplace, kennaa fi gorsa LIVE fi video ittin argatanidha. Haa ta’u malee herrega daldalaa ulaagaa hin guunne. Kunis Sagantaa tiktok creator dhiibba uumuf namoota dhuunfaaf gaaridha.


Ulaagaa maalaqqa kaffaluuf gaafatu.

1. Tiktok irratti hordoftoota 10,000 fi isaa ol qabaachuu


2. Guyyaa 30 keessatti videon 1,000n fi isaa olin ilaalamuu qaba.


3. Guyyaa 30 keessatti barreeffama sadi fi isaa ol qabaachuu.


4. Fandi Uumaa tiktok irratti hirmaachu.


Video gurgurtaa meeshalee hojjachuu

video tiktok humanness maqaa daldalaa guddisuu, maqaa gaari dhaabbata ijaaruu fi gara marsariti tiraafika/ eeggumsaa erguu danda’a. Tarsiimoo bashannanaa qabiyyee odeeffannoo waliin walitti makuun video gurgurtaa agarsiisu hojjachudha. Vidiyoowwan garmalee beeksifaman irraa fagaachun dirqama. Qabiyyee fedhii isaani kakaasan, Oomishaale garagaraa fi k.k.f. irratti hojjachuu xiyyeeffachuudha.

Video keessatti fayyadamuun kennaa gift coin walitti qabuu.

fayyadamtoonni video keessanif dinqisiifannaa qaban gorsa ykn kennaa erguun agarsisu ni danda’u.



dawwattonni daldala tokko hanga $100 tip gochuu danda’u akkasumallee adeemsaf herrega stripe si barbaachisa. Kara biraan tiktok irratti maallaqa ittin Argattan karaa daayimedidha. Fayyadamtoonni Kennaa daayimendi LIVE fi video idilee irratti kennuu ni danda’u. Tiktok dayimedi tokkoof naanno dolara 0.05 kaffalu. Duets qabiyyee ispoonsaraa ta’e video stitch,beeksisa fi barreeffamoonni beeksifaman ulaaga hin guutan.


video Affiliate marketing waliin wal qabatan dalaguu.

Affiliate marketing karaa gaari tiktok irratti galii passive ta’e argachuuf gargaarudha. Kunis yoo qaama sagantaa walta’iinsa kan akka Amazoon Associates ykn click bank taate akka gaaritti hojjata. Yeroo namni tokko link kee cuqaasu/tuqu hundaa komishiini siif kaffalama. Yeroo tokko tokko michoota kee kanneen walitti hidhaminsa qaban koodi piroomo addaa kan ati video kee irratti kaasuu dandeessu ni godha.


profile keessan keessatti hidhaa tokko qofa qabaachuu waan dandeessanif fayyadamtoonni tiktok hedduun waltajjii bilisaa link fayyadamu. Fayyadamtoonni yeroo hidha link cuqaasa/tuqan URL hunduu kan akka hidhaa fi marsariti.


kanaaf haala kana irratti hundaa’u tiktok account mataa keenyaa banachuudhan odeeffannoo qabnu share gochuu fi galii mataa keenyas irraa argachuu ni dandeenya.